F-I-N-F-I-N-N-E-E...muu yaa finfinnee
Shirri kee baayeedha kan himamee hin dhumne
Galmee seenarratti laguudha hin barroofne
Onnee keenyat beeka tasa hin daganne
Yakkii kee danuudha kan himanni hin fixne
Itti beekta jedhu keessuma keessumessu
Warra alaa dhufee simattee qubsiisuu
Afaa gaari haftee mootota taasisuu
Ilmaan kee dhalte ammo qe’erra buqqisuu
Eenyummaa jijjirtee alagaa taasisuu
Muu yaa finfinnee... safuu Addisaaba
Himamee hin dhumu gochi kee inni dabaa
Ilmaan kee Gullallee eessa warri Eekkaa?
Essaa buute saani firaaf lammiin beekaa?
Bara dhufaa darbaa inuma bala’atta
Ilmaan kee buqqiftee ormaaf iddoo laatta
Kan kalessa dhufe qananiin jiraata
Inni abbaan biyyaa waardiyaa dhaabbata
Lafa isaa samamee biyyarraa baqata
Kuun mana hidhaa keetti du’asaa kadhata
Muu yaa finfinnee... safuu Addisaaba
Himamee hin dhumu gochi kee inni dabaa
Nu otuma beeknuu gocha kee isa dabaa
Finfinummaa dhiiftee taatus Addisabaa
Eenyummaa kee gantee fakkaatulle amba
Yoom si balfinee beekna maqaa ke tufannee
Gubaa onnee keenyaa gadi liqimsinee
Hirmii gullalee fi warra Eekka nyaannee
Akkuma kalessaa sagalee olkaafnee
Handhuura Oromiyaa jennee si jajanne
Muu yaa finfinnee... safuu Addisabaa
Himamee hin dhumu gochi kee inni dabaa
Sirraa baqannee Sisodaannee Siin bitamnee Siif hidhamnee Si jibbinee Maqaa kee irraanfannee Finfinnee kaaba malee kibbaaf hin taatuu Gidduu keenya teessee gara keenya hin laaltuu Alagaa malee ijoollee keef hin yaadduu Aksuum malee Boorana hin fakkaattuu Qooqa ormaa malee qooqa kee hin dubbattuu Maal Shaggar ree ati Addisaabaa dha malee Maal Finfinnee dha ree ati Funyoo hin cinnee dha malee Keessummaaf siree midhagaa warraa fi itillee quqaa Kan si gurguruuf warqee kan siif du’uuf qoree dhaa Kiristaanni sitti gungama Musliimni sitti iyyataa Waaqeffataan mana hidhaa keetti du’a isaa kadhata Gaaddisaa ajjeeftee Arkabaatti heerumtaa Biishoo gurgurattee gabrummaa nuuf bittaa Iyyaasuu dhoksitee Tafarii moosiftaa Taaddasaa fanniiftee Miniliikiif bo’itaa Aanollee dagattee Adwaa leellistaa Egaa yoon sijibbe tari naan hoddaaree atoo ana hin jaalattuu Yoon sigane ni dallanttaaree atoo quba nan qabduu Lakkisi Turreerra aniif ati erga walirraa cinnee Hin waamu maqaa kee sin beeku Finfinnee
Girmaa Taaddasatiin Silver Spring, Maryland USA Hagayya, 2012