Harmee
koo deesse koo ati anaaf adda
Onnee
koo keessatti bakka gudda qabda
Hagamuu
jaatanayee jiruudhaan qabamus
Fageenya
karaatin wal argaan dhabamuus
Ani
si hin irraanfanne guyyuun si yaadadha
Gadaammeessa
dhalaa, burqaa kan jaalala
Osoon
lubbun jiruu akkamin dagadha
Immuu
koo …
Hara’a
guyyaan keeti naan jedhan
Isa
addunyaan ulfeessu
Naafa
ballaan hundis isuma odeessuu
Baga
geessaan jedhuu ergaas walii labsu
Atii
hoo deesse koo waansa quba qabdaa?
Sittis
himaniiru waa’ee “guyyaa addaa”?
Ayyaana
koo jettee ulfeefachuu yaadda?
Moo…moo
yaa biliqisee koo…
Akkuma
kee durii oliif gadi fiigda?
Dhala
keetif jettee aara galfii dhabda?
Ofii
qooqxee bultee qoonqoo saanif yaadda?
Deessee
koo…
Ani
dur kan beeku atis guyyaa qabda
Guyyaa
kabajamaa guyyaa isa addaa
Loowwan
kee horanii elmattee dibatte
Gumbii
kee siif guute inni oomishatte
Gaafas
kabajatta gamadde bashaatee
Ateetiyyoo
jettaa ateete facaafttee
Kan
kee guyyaan isa guyyaa isa hooda
Guyyaa
hara’a keessas qabatulle qooda
Harmee
koo deesse koo ati anaaf adda
Onnee
koo keessatti bakka gudda qabda
Egaa
atis baga geese “guyyaa isa addaa”
Isa
kan haadholii kan addunyaa hundaa!!
No comments:
Post a Comment