Monday, 2 June 2014

Rasaasa Sagalee Kiilolee!

Humni muuziqaa meesha waraana caala. Walaloon yeedaloodhaan miidhagee sagalee kiiloleedhan yoo gurra namaa gahu miira namaa kakaasuun dabeessatti onnee hora goota ammoo humna dabalaafi. Muziqaan aada, seena fi safuu saba tokkoo bifa hawwataa ta’een miidhagsee dhaloota dhalootatti dabarsa. Gammachuu fi gadda saba tokkootis muuziqaan ibsu. Bara rorroon cunqursaa hammaatte uumanni yaada isaa qaama itti iiyyatu yoo dhabu muuziqaadhaan gumgumee ibsata. Quuqqaa keessa isaa walaloodhan walii dhaama.
Fakkeenyaf bara bulchiinsa motummaa Minilikii fi Haylasillasee uummanni Oromoo keessattu kan giddugaleessa Oromiyaa dararama abbootii lafaatin isaanirra gahu ibsuuf akkas jedhanii sirbaa turan:

Sangaa oofa jennaan ofnee baane shaggariini
Kuun shaniin bitata kuun shantamaan bita gariini
Yaa alamaa qawwee ta’aan tolti labaniini
Labaniin ni iyyaa marree yoo du’e jabaan gaafa biyyaa!

Alayyaa calanqoo keessa bookkisa jalddeessi
Yaa hayyuu kallachaa waaqa nuuf kadhu jabeessi
Burree yaa gaaddiddu boosan maalif si elmatti dhittee hin diddu!!

Walaloo kana keessatti, horii horanillee fedhinna isaanitin osoo hin taane ajaja warra abbooti lafaatin finfinnee gurguraaf oofani akka geessan akkasuma gatiin itti gurguranilleen gatii silaa horiin sun baasu osoo hin taane akka fedhinnaa abba lafaatti akka ta’e ibsa. Burree yaa gaaddiddu boosan maalif si elmatti dhiitte hin diddu jechuudhan, sa’a burree biyyaa isaanitti boosa elmattu ammo warra abbooti lafaa ilmaan habashatti akeekuun uumanni Oromoo gabrummaa tole jedhee fudhatee ta’uu osoo hin taane finciluu akka qabu waliif dhaaman. Kalattiidhan yoo maqaa waamani sirban daraara isaanirra gahu waan beekaniif sorgoon sirban. Sirbi kun yeroo ammaa kanas bifa ammayyaatin weellistoota Oromoo adda addaatiin sirbamaa jira. Dhiyeenyatti Haacaalun sirbeera.

Gaafa Oromoon bittaa alagaa jalatti kufee eegalee weeliistoonni Oromoo karaa adda addaa muuziqatti dhimma bahuun quuqqaa uumata isaani sagalee uumata ta’uun dhageessisaa turan, ammas itti jiru. Motummoonni abba hirreetis sagalee weellistoota kana qawwee fi rasaasa caala sodaatu. Sodaa kanarraa ka’uunis admasanii ajjeessu, hidhanii dararu yookiin biyya irraa godaansisu. Haata’u malee gochaan diina kun sagalee isaanii ukkamsuu hin dandeenye. Tokko yoo du’e ykn biyyarraa godaansifame  kan biraatu jalaan guddata.

Weellistoota sagalee isaaniitin diddaa gabrummaa uumata oromoo dhageessisa turan keessa tokko Tsgaaayee (Sayyoo) Daandanati. Sayyoon dhalatee kan guddate baadiyyaa naannoo Ambotti argamututtidha. Sagalee uumamaa kiilolee isaatiin sirboota heddu dhimmoota hawasumma fi Oromumma irratti weelliseera. Sagalee kiilolee qabuun alattiis walaloo sirboota  isaatif barreessunis beekama. Walaloon isaa bilchina cimaa kan qaban yoo tahu safuu uumata oromoo akka gaaritti kan callaqisiisanidha. Akka fakkeenyatti sirba isaa “Baatiin Itti Baate” jedhu kaasnee ni ilaaluu dandeenya. Sirbi kun walumaa galatti waa’ee sirna gadaa Oromoo kan ibsu yoo ta’uu waa’ee Dhahaa Himaa (calendar) Oromoo, waa’ee Ateetee fi dhimoota biro Gadaa keessatti hamataman tuttuqa. Sirni Gadaa Oromoo erga uumanni bittaa alagaa jalatti kufee akka laafatee quuqamuun ibsa. Haa ta’u malee qabsoo ilmaan isaatin aduun isaaf bahaa akka jirtuu abdiidhaan akeeka.
Weellistoota Oromoo kabajamuu mirga uumata Oromootif gatii lubbuu kanfalan biyyoon isaanitti haa salphattu hojiin keessan galmee seena irratti cululuqee bara baraan jiraata jennaan. Sayyoo fi kanneen biro warra lubbuun jiraniin ammo fayyaa fi umurii dheertuu isinii haa laatu jennee eebbifna. Mee asumaan walaloo sirba Sayyoo Daandanaa “Baatiin itti Baate” jedhu tana dhandhamaa!

Baatiin itti baate bakkalcha waliinii
Yaa dhahaa himaa meeqa natti himi guyyaani
Kan abbaa gadaa deebi’ee dhufe bokkuuni
Awwaalaa bahe Caaccuu kallacha siiqqeeni


Gabbisi gadaa kee jedheet darbe abbaan koo
Mee si gabbisa yaa Gadaa koo baranaa
Dhangaa shanan gadaa foroorsatti naqannee
Dhufne yaa gadaa duudhaa keenya guutannee
Mee nu oofkalchi guutannee si kadhannee

Kan abbaa gadaa deebi’ee dhufe bukkunii (4)
Gadaa yaa gadaa boora yaabate abbaan fardaa (2)

Yaa dureessa koo sirbi gadaan kan Horataati
Foolleen  rooba barri baranaa quufa
Yaad dureessa koo sirbi gadaan kan Birmajiiti
Foolleen rooba barri baranaa quufa
Yaad dureessa koo sirbi gadaan kan Roobaleeti
Foolleen rooba barri baranaa quufa
Yaad dureessa koo sirbi gadaan kan Michilee
Foolleen rooba barri baranaa quufa
Yaad dureessa koo sirbi gadaan kan Kiiloleeti
Foolleen rooba barri baranaa quufa

Uumee haadha siiqqee haadha qorii guddaa
Dhaamsituu ibiddaa ayyoo abbaa gadaa
Ayyaana keetiirraa araarrii nuuf maddaa

Haati ateetiyyoo siiqqee qabattetti aayyiyyoon
Yaa dulloota koo naa horaa jetti Ayyiyoon
Yaa ateetiyyoo mee ta’iif kan barakaadhaa
Yaa dulloota koo naa cophaa jetti Ayyiyoon
Yaa ateetiyyoo mee ta’iif kan barakaadhaa


Tesfayee B. Birmajii
Waxabajjii, 2014

No comments:

Post a Comment