
Ciniinsuun dhangaa afoola fi aarti uummata oromoo gola Oromiyaa hunda irraa argatte walitti qabdee fuula kana irratti isinii maxxansiti. Akkasumas hojii kalaqa ammayyaa kan akka walaloowwaan dhimoota aada, seena fi hawaas-diinagdee Oromoo irratti barraa'an isinii qooddi. Ilaalcha fi xiinxala dhimoota adda addaa irratti ta'an isniin geessi. Isin kun dabeera sirreessi kun ammoo toleera jabeessi jechuun yaada keessaaniin jajjabessa.
Saturday, 31 May 2014
Guyyaa Addaa
Harmee
koo deesse koo ati anaaf adda
Onnee
koo keessatti bakka gudda qabda
Hagamuu
jaatanayee jiruudhaan qabamus
Fageenya
karaatin wal argaan dhabamuus
Ani
si hin irraanfanne guyyuun si yaadadha
Gadaammeessa
dhalaa, burqaa kan jaalala
Osoon
lubbun jiruu akkamin dagadha
Immuu
koo …
Hara’a
guyyaan keeti naan jedhan
Isa
addunyaan ulfeessu
Naafa
ballaan hundis isuma odeessuu
Baga
geessaan jedhuu ergaas walii labsu
Atii
hoo deesse koo waansa quba qabdaa?
Sittis
himaniiru waa’ee “guyyaa addaa”?
Ayyaana
koo jettee ulfeefachuu yaadda?
Moo…moo
yaa biliqisee koo…
Akkuma
kee durii oliif gadi fiigda?
Dhala
keetif jettee aara galfii dhabda?
Ofii
qooqxee bultee qoonqoo saanif yaadda?
Deessee
koo…
Ani
dur kan beeku atis guyyaa qabda
Guyyaa
kabajamaa guyyaa isa addaa
Loowwan
kee horanii elmattee dibatte
Gumbii
kee siif guute inni oomishatte
Gaafas
kabajatta gamadde bashaatee
Ateetiyyoo
jettaa ateete facaafttee
Kan
kee guyyaan isa guyyaa isa hooda
Guyyaa
hara’a keessas qabatulle qooda
Harmee
koo deesse koo ati anaaf adda
Onnee
koo keessatti bakka gudda qabda
Egaa
atis baga geese “guyyaa isa addaa”
Isa
kan haadholii kan addunyaa hundaa!!
Silence
They say, 'silence is golden'
i don't care, if gold
or even a heavy load
of precious diamond
Let my silence be, just that
it can rot with maggots
if it wants
Let my silence be, just that
By telling all, haven't found relief
i'd rather discuss with myself
(Reflections, by Roman Tewolde-Berhan - 2014)
Madaa kootu hin Qooru
Ni aarta, daftee mufatta jedhanii natti himuu
Namticha aartu sana jedhanis na waamu
Inni dafee aara obesee hin dabarfatu
Yaada isaa tasgabbiin danda’ee hin ibsatu
Jedhu ana duubas baayee na hamatu
Dallansuun fira kee kolfi alagaa kee
Aariin kee baay’atee obsii kee maa xiqqaate
Jedhee natti siqee namuu na hin gaafatu
Dallansuu koo faarsu isaan na hamatu
Aari koo leellisuu foon koo na ciratu!
Madaa wayii beektu madaa kan mogolee
Kan nama hin teessifne diriirfatan malee
Kan nama hin deemsifne yoo tiratan malee
Madaa kanan qaba Abbaa koorraan dhaale
Innis natti himeera Akaakan akka eegale
Tarii fayyaa jedheen madaa koon kunuunsa
Qorchaa barbaaduuf oggeessaan dubbisa
Suutan tarkaanfadhaa obseetan gubaasa
Innii fayyuu didee daranuu kulkula
Ni qooraa yoon jedhe itti hammaate bula
Yookiin summiin isaa garatti dacha’ee na fudhatee hin darbu
Yookiin madaa fayyee fayyaa isan hawwu ija koon hin argu
Ni aara naan jedhu obsee hin dabarfatu
Madaa koo kanatti falaxaa itti horfu
Isan an sossobee kunuunse kunuunsee qoorsu
Isaan guyyaa guyyaan na jalaa boochisu
Miirri dhukkubbii isaa qaama koo bobeessaa
Muddaa mudhiin isaa na dhoweera deemsa
Madaa kootu hin qooru maafan aaruu dhiisa
Subscribe to:
Comments (Atom)