Saturday, 31 May 2014

እጅህን እንዳትሰጥ!!


እናት 
ናልኝ እስክ ባባዬ፥ ጣለዉ እሱን ዱላ
ብትማር ይሻልሃል፥ እንዳትቀር ወደኋላ
ደብተርህን ይዘህ፥ ዝለቅ ከተማሪ ቤት
እስከመቼ ድረስ፥ ይብቃ እረኝነት

ልጅ
እኔ አልሄድም ማሚ፥ ባፊንጫዬ ይዉጣ
ትምህርት ቤት መሄድ፥ ምን ለዉጥ ልያመጣ
በጥይት መደብደብ፥ ሆኖ የኛ ዕጣ
እምቢ አልሄድም ማሚኮ ፥ ባፊንጫዬ ይዉጣ

እናት
ሳፉ ጎፍታ ዱጋ…
ሰምተህልኛላ፥ የሰሞኑን እሮሮ
ካዋቂዎች አልፎ፥ ዘልቋል ካንተም ጆሮ
ቢሆንም አብዲኮ ፥ ተስፋ አትቁረጥ
መፍትሄዉም መማር ነዉ፥ እጅህን እንዳትሰጥ!!

Guyyaa Addaa

Harmee koo deesse koo ati anaaf adda
Onnee koo keessatti bakka gudda qabda
Hagamuu jaatanayee jiruudhaan qabamus
Fageenya karaatin wal argaan dhabamuus
Ani si hin irraanfanne guyyuun si yaadadha
Gadaammeessa dhalaa, burqaa kan jaalala
Osoon lubbun jiruu akkamin dagadha

Immuu koo …
Hara’a guyyaan keeti naan jedhan
Isa addunyaan ulfeessu
Naafa ballaan hundis isuma odeessuu
Baga geessaan jedhuu ergaas walii labsu
Atii hoo deesse koo waansa quba qabdaa?
Sittis himaniiru waa’ee “guyyaa addaa”?
Ayyaana koo jettee ulfeefachuu yaadda?
Moo…moo yaa biliqisee koo…
Akkuma kee durii oliif gadi fiigda?
Dhala keetif jettee aara galfii dhabda?
Ofii qooqxee bultee qoonqoo saanif yaadda?

Deessee koo…
Ani dur kan beeku atis guyyaa qabda
Guyyaa kabajamaa guyyaa isa addaa
Loowwan kee horanii elmattee dibatte
Gumbii kee siif guute inni oomishatte
Gaafas kabajatta gamadde bashaatee
Ateetiyyoo jettaa ateete facaafttee
Kan kee guyyaan isa guyyaa isa hooda
Guyyaa hara’a keessas qabatulle qooda

Harmee koo deesse koo ati anaaf adda
Onnee koo keessatti bakka gudda qabda
Egaa atis baga geese “guyyaa isa addaa”
Isa kan haadholii kan addunyaa hundaa!!



Haadholiidhaf

Silence


They say, 'silence is golden'
i don't care, if gold
or even a heavy load
of precious diamond

Let my silence be, just that
it can rot with maggots
if it wants
Let my silence be, just that

By telling all, haven't found relief
i'd rather discuss with myself

(Reflections, by Roman Tewolde-Berhan - 2014)

Madaa kootu hin Qooru

Ni aarta, daftee mufatta jedhanii natti himuu
Namticha aartu sana jedhanis na waamu
Inni dafee aara obesee hin dabarfatu
Yaada isaa tasgabbiin danda’ee hin ibsatu
Jedhu ana duubas baayee na hamatu
Dallansuun fira kee kolfi alagaa kee
Aariin kee baay’atee obsii kee maa xiqqaate
Jedhee natti siqee namuu na hin gaafatu
Dallansuu koo faarsu isaan na hamatu
Aari koo leellisuu  foon koo na ciratu!
Madaa wayii beektu madaa kan mogolee
Kan nama hin teessifne diriirfatan malee
Kan nama hin deemsifne yoo tiratan malee
Madaa kanan qaba Abbaa koorraan dhaale
Innis natti himeera Akaakan akka eegale
Tarii fayyaa jedheen madaa koon kunuunsa
Qorchaa barbaaduuf oggeessaan dubbisa
Suutan tarkaanfadhaa obseetan gubaasa
Innii fayyuu didee daranuu kulkula
Ni qooraa yoon jedhe itti hammaate bula
Yookiin summiin isaa garatti dacha’ee na fudhatee hin darbu
Yookiin madaa fayyee fayyaa isan hawwu ija koon hin argu
Ni aara naan jedhu obsee hin dabarfatu
Madaa koo kanatti falaxaa itti horfu
Isan an sossobee kunuunse kunuunsee  qoorsu
Isaan guyyaa guyyaan na jalaa boochisu
Miirri dhukkubbii isaa qaama koo bobeessaa
Muddaa mudhiin isaa na dhoweera deemsa
Madaa kootu hin qooru maafan aaruu dhiisa