Monday, 2 June 2014

MUU YAA FINFINNEE!


F-I-N-F-I-N-N-E-E...muu yaa finfinnee
Shirri kee baayeedha kan himamee hin dhumne
Galmee seenarratti laguudha hin barroofne
Onnee keenyat beeka tasa hin daganne
Yakkii kee danuudha kan himanni hin fixne

Itti beekta jedhu keessuma keessumessu
Warra alaa dhufee simattee qubsiisuu
Afaa gaari haftee mootota taasisuu
Ilmaan kee dhalte ammo qe’erra buqqisuu
Eenyummaa jijjirtee alagaa taasisuu
Muu yaa finfinnee... safuu Addisaaba
Himamee hin dhumu gochi kee inni dabaa

Ilmaan kee Gullallee eessa warri Eekkaa?
Essaa buute saani firaaf lammiin beekaa?
Bara dhufaa darbaa inuma bala’atta
Ilmaan kee buqqiftee ormaaf iddoo laatta
Kan kalessa dhufe qananiin jiraata
Inni abbaan biyyaa waardiyaa dhaabbata
Lafa isaa samamee biyyarraa baqata
Kuun mana hidhaa keetti du’asaa kadhata
Muu yaa finfinnee... safuu Addisaaba
Himamee hin dhumu gochi kee inni dabaa

Nu otuma beeknuu gocha kee isa dabaa
Finfinummaa dhiiftee taatus Addisabaa
Eenyummaa kee gantee fakkaatulle amba
Yoom si balfinee beekna maqaa ke tufannee
Gubaa onnee keenyaa gadi liqimsinee
Hirmii gullalee fi warra Eekka nyaannee
Akkuma kalessaa sagalee olkaafnee
Handhuura Oromiyaa jennee si jajanne
Muu yaa finfinnee... safuu Addisabaa
Himamee hin dhumu gochi kee inni dabaa

Dafqinee dhamaane midhaan kan oomishane
Tumaaleessa hoola Sangoota gabbifanee
Damma dhadhaaf lukkuu hunda waan horanne
Nuti qooqne bullee keessumota keef laanne
Ganna dugadaa cinne qoraan sitti baanna
Haadha qoraani fa’a jedhamnees waamamna
Keessumoota keetin kabajaa mulqamna
Garaamummaa keenyaaf salphina gonfanna
Muu yaa finfinnee... safuu addisabaa
Himamee hin dhumu gochi kee inni dabaa

Bubbultee baratta dogongora keerraa
Jennee si eeggane obsaan bara dheera
Ati garuu yaa harsamee koo homaa hin barattu
Keessumaa kee malee ilmaan kee hin yaadattu
Hara’as soqolattee kunoo nuuf dhaadatta
Sabbataf Sulultaa..Sandaafa fi Hoolota
Gimbichuuf Adaama Alaltuuf Dodotaa
Biyyaaf biyyoo isaanirraa hunda Oromootaa
Akkuma kaleessaa buqqisuuf foolatta
Muu yaa finfinnee... safuu addisabaa
Himamee hin dhumu gochi kee inni dabaa

Waawu si nuffine obsi keenyas dhume
Firaa lammi hundi dheekkame gumgume
Yoo feete asuma ol samitti guddadhu
Dalga as bal’achuun abjuudha beekadhu!


Tasfayee B. Birmajii
Caamsa14, 2014


Si hin beeknu Finfinee

Sirraa baqannee
Sisodaannee
Siin bitamnee
Siif hidhamnee
Si jibbinee Maqaa kee irraanfannee
Finfinnee

kaaba malee kibbaaf hin taatuu
Gidduu keenya teessee gara keenya hin laaltuu
Alagaa malee ijoollee keef hin yaadduu
Aksuum malee Boorana hin fakkaattuu
Qooqa ormaa malee qooqa kee hin dubbattuu
Maal Shaggar ree ati Addisaabaa dha malee
Maal Finfinnee dha ree ati
Funyoo hin cinnee dha malee
Keessummaaf siree midhagaa
warraa fi itillee quqaa
Kan si gurguruuf warqee
kan siif du’uuf qoree dhaa

Kiristaanni sitti gungama Musliimni sitti iyyataa
Waaqeffataan mana hidhaa keetti du’a isaa kadhata
Gaaddisaa ajjeeftee Arkabaatti heerumtaa
Biishoo gurgurattee gabrummaa nuuf bittaa
Iyyaasuu dhoksitee Tafarii moosiftaa
Taaddasaa fanniiftee Miniliikiif bo’itaa
Aanollee dagattee Adwaa leellistaa
Egaa yoon sijibbe tari naan hoddaaree
atoo ana hin jaalattuu Yoon sigane ni dallanttaaree
atoo quba nan qabduu Lakkisi
Turreerra aniif ati erga walirraa cinnee
Hin waamu maqaa kee sin beeku Finfinnee

  Girmaa Taaddasatiin
Silver Spring, Maryland USA
   Hagayya, 2012

Rasaasa Sagalee Kiilolee!

Humni muuziqaa meesha waraana caala. Walaloon yeedaloodhaan miidhagee sagalee kiiloleedhan yoo gurra namaa gahu miira namaa kakaasuun dabeessatti onnee hora goota ammoo humna dabalaafi. Muziqaan aada, seena fi safuu saba tokkoo bifa hawwataa ta’een miidhagsee dhaloota dhalootatti dabarsa. Gammachuu fi gadda saba tokkootis muuziqaan ibsu. Bara rorroon cunqursaa hammaatte uumanni yaada isaa qaama itti iiyyatu yoo dhabu muuziqaadhaan gumgumee ibsata. Quuqqaa keessa isaa walaloodhan walii dhaama.
Fakkeenyaf bara bulchiinsa motummaa Minilikii fi Haylasillasee uummanni Oromoo keessattu kan giddugaleessa Oromiyaa dararama abbootii lafaatin isaanirra gahu ibsuuf akkas jedhanii sirbaa turan:

Sangaa oofa jennaan ofnee baane shaggariini
Kuun shaniin bitata kuun shantamaan bita gariini
Yaa alamaa qawwee ta’aan tolti labaniini
Labaniin ni iyyaa marree yoo du’e jabaan gaafa biyyaa!

Alayyaa calanqoo keessa bookkisa jalddeessi
Yaa hayyuu kallachaa waaqa nuuf kadhu jabeessi
Burree yaa gaaddiddu boosan maalif si elmatti dhittee hin diddu!!

Walaloo kana keessatti, horii horanillee fedhinna isaanitin osoo hin taane ajaja warra abbooti lafaatin finfinnee gurguraaf oofani akka geessan akkasuma gatiin itti gurguranilleen gatii silaa horiin sun baasu osoo hin taane akka fedhinnaa abba lafaatti akka ta’e ibsa. Burree yaa gaaddiddu boosan maalif si elmatti dhiitte hin diddu jechuudhan, sa’a burree biyyaa isaanitti boosa elmattu ammo warra abbooti lafaa ilmaan habashatti akeekuun uumanni Oromoo gabrummaa tole jedhee fudhatee ta’uu osoo hin taane finciluu akka qabu waliif dhaaman. Kalattiidhan yoo maqaa waamani sirban daraara isaanirra gahu waan beekaniif sorgoon sirban. Sirbi kun yeroo ammaa kanas bifa ammayyaatin weellistoota Oromoo adda addaatiin sirbamaa jira. Dhiyeenyatti Haacaalun sirbeera.

Gaafa Oromoon bittaa alagaa jalatti kufee eegalee weeliistoonni Oromoo karaa adda addaa muuziqatti dhimma bahuun quuqqaa uumata isaani sagalee uumata ta’uun dhageessisaa turan, ammas itti jiru. Motummoonni abba hirreetis sagalee weellistoota kana qawwee fi rasaasa caala sodaatu. Sodaa kanarraa ka’uunis admasanii ajjeessu, hidhanii dararu yookiin biyya irraa godaansisu. Haata’u malee gochaan diina kun sagalee isaanii ukkamsuu hin dandeenye. Tokko yoo du’e ykn biyyarraa godaansifame  kan biraatu jalaan guddata.

Weellistoota sagalee isaaniitin diddaa gabrummaa uumata oromoo dhageessisa turan keessa tokko Tsgaaayee (Sayyoo) Daandanati. Sayyoon dhalatee kan guddate baadiyyaa naannoo Ambotti argamututtidha. Sagalee uumamaa kiilolee isaatiin sirboota heddu dhimmoota hawasumma fi Oromumma irratti weelliseera. Sagalee kiilolee qabuun alattiis walaloo sirboota  isaatif barreessunis beekama. Walaloon isaa bilchina cimaa kan qaban yoo tahu safuu uumata oromoo akka gaaritti kan callaqisiisanidha. Akka fakkeenyatti sirba isaa “Baatiin Itti Baate” jedhu kaasnee ni ilaaluu dandeenya. Sirbi kun walumaa galatti waa’ee sirna gadaa Oromoo kan ibsu yoo ta’uu waa’ee Dhahaa Himaa (calendar) Oromoo, waa’ee Ateetee fi dhimoota biro Gadaa keessatti hamataman tuttuqa. Sirni Gadaa Oromoo erga uumanni bittaa alagaa jalatti kufee akka laafatee quuqamuun ibsa. Haa ta’u malee qabsoo ilmaan isaatin aduun isaaf bahaa akka jirtuu abdiidhaan akeeka.
Weellistoota Oromoo kabajamuu mirga uumata Oromootif gatii lubbuu kanfalan biyyoon isaanitti haa salphattu hojiin keessan galmee seena irratti cululuqee bara baraan jiraata jennaan. Sayyoo fi kanneen biro warra lubbuun jiraniin ammo fayyaa fi umurii dheertuu isinii haa laatu jennee eebbifna. Mee asumaan walaloo sirba Sayyoo Daandanaa “Baatiin itti Baate” jedhu tana dhandhamaa!

Baatiin itti baate bakkalcha waliinii
Yaa dhahaa himaa meeqa natti himi guyyaani
Kan abbaa gadaa deebi’ee dhufe bokkuuni
Awwaalaa bahe Caaccuu kallacha siiqqeeni


Gabbisi gadaa kee jedheet darbe abbaan koo
Mee si gabbisa yaa Gadaa koo baranaa
Dhangaa shanan gadaa foroorsatti naqannee
Dhufne yaa gadaa duudhaa keenya guutannee
Mee nu oofkalchi guutannee si kadhannee

Kan abbaa gadaa deebi’ee dhufe bukkunii (4)
Gadaa yaa gadaa boora yaabate abbaan fardaa (2)

Yaa dureessa koo sirbi gadaan kan Horataati
Foolleen  rooba barri baranaa quufa
Yaad dureessa koo sirbi gadaan kan Birmajiiti
Foolleen rooba barri baranaa quufa
Yaad dureessa koo sirbi gadaan kan Roobaleeti
Foolleen rooba barri baranaa quufa
Yaad dureessa koo sirbi gadaan kan Michilee
Foolleen rooba barri baranaa quufa
Yaad dureessa koo sirbi gadaan kan Kiiloleeti
Foolleen rooba barri baranaa quufa

Uumee haadha siiqqee haadha qorii guddaa
Dhaamsituu ibiddaa ayyoo abbaa gadaa
Ayyaana keetiirraa araarrii nuuf maddaa

Haati ateetiyyoo siiqqee qabattetti aayyiyyoon
Yaa dulloota koo naa horaa jetti Ayyiyoon
Yaa ateetiyyoo mee ta’iif kan barakaadhaa
Yaa dulloota koo naa cophaa jetti Ayyiyoon
Yaa ateetiyyoo mee ta’iif kan barakaadhaa


Tesfayee B. Birmajii
Waxabajjii, 2014